Fana: At a Speed of Life!

Hojiiwwan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa hojjetan

Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad baatiiwwan Sadaasaafi Muddee 2018 keessa hojiilee ijoo biyyaalessaa, ardiifi idil-addunyaa hojjetaniiru.

Hojiileen hundi barbaachisummaa fi dhiibbaa uumuu danda’uu Itiyoophiyaa bu’uura cimaarra kan kaa’anidha.

Ministirri Muummee Rippaabiliika Hindi daawwannaaf gara Itiyoophiyaa dhufuu hordofee mariin gamlamee Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad taasisan fi waliigalteewwan hunda galeessi biyyoottan lameen gidduutti mallattaa’aniif hiikkaa guddaan kennameera.

Mariin hoggantoota lameenii irra jireessaan tumsa biyyoonni lameen dameewwan daldalaafi invastimantiin, diijitaalaayizeeshiniifi tuurizimiin qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan kaayyeffatedha.

Dabalataanis biyyoota lameen gidduutti deeggarsa bulchiinsa waloo Gumruukaa, Ministeera Dhimma Alaa FDRItti waliigaltee hundeeffama Giddugala Daataa akkasumas waliigalteen kabachiisa nageenyaa idil-addunyaa keessatti kutannoo qaban mul’isuufi cimsu mallattaa’eera.

Kana malees Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin Paarlaamaatti argamuun Ministirri Muummee Hindi Walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Federeeshinii irratti haasawaa taasisaniiru.

Dhimmoota ardii ilaalchisee: Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad deeggartoota Afrikaa fi naannawaa waliin mari’ataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateetee waliin Afrikaa haalaan kan bakka bu’u Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 Itiyoophiyaan qopheessitu irratti haala Itiyoophiyaa waliin hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Bifuma walfakkaatuun Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaafi Gamtaan Afrikaa yaa’ii ardicha bakka bu’u qopheessuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuuf haalota dandeessisan uumuuf, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaafi garee isaanii waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin COP32 akka milkaa’uuf deeggarsi ijoon Itiyoopiyaa fi haala furmaanni Afrikaa cimuu danda’u irrattis mari’ataniiru.

Dabalataanis Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantiin Federaalawaa Rippaabilika Soomaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud fi Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon wayita daawwannaaf gara Itiyoophiyaa dhufan simatanii waliin mari’ataniiru.

Mariin hoggantoota lameen waliin taasisan irra jireessaan hariiroo dippiloomaasii haala cimsuun danda’amurratti kan xiyyeeffate ture.
Akkasumas dhimmoota nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaarratti kan mari’atan yoo ta’u, kunsi nageenyaafi tasgabbii, marii akkasumas qajeeltoo furmaata Afrikaa irratti ejjennoo waloo qaban kan calaqqisiise ture.

Dhimmoota biyya keessan walqabatee Dooktar Abiy Ahimad Diijitaal Itiyoophiyaa 2025 guutummaatti milkaa’uu ibsuun, Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 eegalchiisaniiru.

Tarsiimoon kun dhaqqabamummaa babal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumuu, akkasuma lammiilee fi dhaabbilee gidduutti wal amantaa uumuurratti xiyyeeffachuun hojiitti kan hiikamu ta’uu eeran.

Bu’uuraalee misooma diijitaalaa caalmaatti babal’isuu fi jireenya lammiilee fooyyessuuf dandeettii kan uumu ta’uu dubbatan.

Galmoonni Diijitaal Itiyoophiyaan 2030 akka milkaa’u dhimmootni lama jiraachuu kan eeran, 1ffaan dhiyeessii humna Elektirikaa yoo ta’u, 2ffaan ammo waliin gahiinsa Interneetii ta’uu eeran.

Tarsiimoo kana keessatti lakkoofsa fayyadamtoota moobaayilaa miiliyoona 100 fi miiliyoona 28 qaqqabsiisuuf, tajaajila 5G magaaloota 100 keessatti waliin gahuuf ni hojjetama jechuun isaanii ni yaadatama.

Gama biroon guyyaan saboota, sablamootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa, naannolee fi kutaaleen hawaasaa argamanitti haala ho’aa ta’een kabajameera.

Guyyaan saboota, sablamootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa 21ffaan Magaalaa Jimmaatti akka kabajamu ibsameera.

Waliigalaan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad baatiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa biyya keessatti ammayyummaa guddisuu, sadarkaa ardii fi idil addunyaatti ammoo dippiloomaasii tarsiimowaa ta’e caalmaatti cimsuuf murannoo qaban kan itti mirkaneessaniidha.

Kanaanis hammattummaa Diijitaalaa guddisuu, tumsa naannawaa fi idil addunyaa cimsuu fi hojiilee ol ka’iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessan raawwatamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.