Hojiwwan magaalota jireenyaaf mijessuuf hojjetaman haala Gaarii irra jiru
Finfinee, Sadaasa 7, 2018 (FMC) – Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saanii hojiiwwan magaalota miidhagsuu fi jireenyaaf mijessuu haala dammaqinaan hojjetamaa jiru jedhan.
“Guddinni Magaalotaa, Caalmaa Itiyoophiyaaf’’ yaada jedhuun Naannoo Afaar magaalaa Samaraa Logiyaatti geggeeffamaa kan jiru oolmaa guyyaa 2ffaa Fooramii Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaa ilaalchisuun ibsa kennaniru.
Ibsa isaaniin, fooramichi wayita magaalonni dadammaqiinsa olaanaa keessa jiranitti kabajamuu isaan adda ta’a.
Magaalota magariisomsuu fi jireenyaaf mijessuuf mootummaan xiyyeeffannaa addaan hojjechaa akka jiru kaasanii, kunis magaalota dadammaqseera jedhan.
Fooramicha irratti magaalonni 143 fi dhiyeessitoonni egizibiishinii kumni torba hirmaachuu ibsanii, mareewwan paanaalii dorgomtummaa damichaa dabalanii fi qormaatilee salphisan geggeeffamaa jirus jedhan.
Magaalonni kanaan dura agarsiistuu hiyyummaa turan xiyyeeffannaa addaa mootummaan kenneen mul’istuu badhaadhinaa ta’uu dubbataniiru.
Misoomni koriidari magaalaa Finfinneetti ariitii fi qulqullina olaanaan hojjetame bu’aalee hedduu fiduu isaas eeraniiru.
Yeroo ammaa hojiin misooma Koriidarii magaalota 73 keessatti babal’achuu isaa ibsanii, kunis fageenya mootummaan biyya jiraattotaaf miijattu ijaaruuf deeme kan argisiisuu dha jechuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia