Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni boba’aa seeraan ala gurguran lama hidhaa cimaa fi maallaqaan adabaman

Finfinnee, Guraandhala 13, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaa magaalaa Moojootti hojjetoonni raabsaa boba’aa karaa seeraan alaan utuu boba’aa buusanii qabaman lama hidhaa cimaa fi maallaqaan adabamaniiru.

Himatamtoonni murtiin adabbii itti kenname Addis Mulugeetaa fi Haragawayin Dagguu Kan jedhaman hojjettoota raabsaa boba’aa oolaati.

Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Magaalaa Moojoo himatamtoota kanneen irratti labsii Sirna gabaa bu’aalee boba’aa murteessuuf ba’e Lakk. 1363/2017 keeyyata 25 jalatti kan murtaa’e irra darbuu eeree himata baneera.

Himata baname kanaan akkaataa tarreeffameen himatamtoonni Amajjii 13/ 2017 galgala sa’aati 2 irratti hojimaata Seeraan eeyyamameen ala boba’aa litira kuma 4 jariikaanaan utuu waraabanii qaamolee nageenyaan to’annaa jala oolaniiru.

Himatamtoonni Mana murtii Magaalaa Moojoo Dhaddacha Yakkaan tarreeffaman himannaan erga isaan ga’ee booda gocha yakkaa Kana waakkachuun kan falman yoo ta’u, abbaa alangaa irraa ragaan namaa fi sanadaa irratti dhiyaateera.

Manni Murtichaas ragaa abbaa alangaa qorachuun akka ofirraa ittisaniif murtii kan kenne ta’us, himatamtoonni ragaa abbaa alangaa ofirraa ittisuu waan hindandeenyeef murtiin balleessaa raawwataniiru jedhamuun itti murtaa’eera.

Manni Murtichaas yaada adabbii bitaa fi mirgaa qoratee himatamaa 1ffaan hidhaa cimaa waggaa 3 fi ji’a 3’n, himatamtuu 2ffaan ammoo hidhaa cimaa waggaa 3’n akka adabaman murteesseera.

Dabalataanis himatamtoonni tokkoon tokkoo isaanii adabbii maallaqaa birrii kuma 300 fi kuma 50 akka adabaman murteesseera.

Boba’aan karaa seeraan.alaan utuu waraabamuu qabames gurguramee mootummaaf galii akka ta’u ajaja kenneera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.