Hoongi Koongitti godambaa Kiristiyaanoo Roonaaldoo qalbii deeggartoota isaa hawwate
Finfinnee, Adoolessa 10, 2017 (FMC)- Hoongi Koongitti kan baname godambaan Kiristiyaanoo Roonaaldoo qalbii deeggartoota isaa guutuu addunyaarra jiranii hawwateera.
Godaambaan kun turtii waggoottan kurnan lamaan darbanii taphatichaa viidiyoofi suuraan kan agarsiisudha.
Waancaawwaniifi badhaasonni Kiristiyaanoo Roonaaldoon biyya isaa Poorchuugaal akkasumas kilaboota akka Maanchistar Yuunaayitid, Riyaal Maadiriid fi Juuvantas waliin milkeesse viidiyoowwaniifi suuraaleen daawwiif dhiyaataniiru.
Hoongi Koongi osoo hin ijaariin dura Saa’ud Arabiyaan Riyaaditti Kiristiyaanoo Roonaaldoof godaambaa ijaaruun kan yaadatamudha.
Godaambaan Kiristiyaanoo Roonaaldoo Riyaaditti argamu kunis milkaa’ina taphatichi galmeessise hunda agarsiisa.
Taphataan umrii ganna 40 Kiristiyaanoo Roonaaldoon, seena tapha isaa hanga ammaatti gooliiwwan 938 galcheera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.