Hora Finfinneetti milkoofneerra- Pirezidaanti Shimmallis Abdiisaa
Finfinnee, Fulbaana 24, 2018(FMC)- Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Irreechi Hora Finfinnee haala ho’aa ta’eefi milkiin xumurameera jedhan.
Obbo Shimallis Abdiisaan Irreechi Hora Finfinnee bara kanaa milkiin xumuramuu ibsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
Hora Finfinneetti milkoofneerra; hunduu galatoomaa.
Irreecha ulfoo Oromoo Hora Finfinnee miliyoonotaan Irreeffannee milkiin qajeeleera. Bara haaraa maree nuuf dhufe nagaan simannee; jiidha qabannee, ulfoo naqannee, seeraafi sirna qajeelfannee Irreeffachuun uumaa keenyas galateeffanneerra. Waaqa nagaan bobbaasee nu milkeesseef galatni haa ta’u.
Tokkummaafi cichoominni isin eenyummaa keessaniif qabdan abjuun diinaa abjuu ta’ee akka hafu taasiseera. Dhugaa qabannee dhugaanis waan bulluuf uumaan keenya nu gargaaree; barii Birraa fuula ifaan akka arginu, kan facaafanne akka dhamdhamnu, dachee keenyarras guutnee miidhagnee akka mul’annuufi isas galateeffannu taasiseera.
Miidhagina Birraafi urgaa foolii uumamaan waktii gonfame waliin duudhaafi safuun masakamtanii uffata aadaan faayamtanii harka nagaa diriirsitanii jaalala dhugaa agarsiiftanii hunda hammachuun guddummaa keessan gochaan waan mul’iftaniif galatoomaa; horaa bulaa deebanaa!
Nu warra nagaafi jaalaala lallabu warra sirna miidhagaa qabuufi ittiin bulu ta’uun keenya akka ibsaa tullurratti oljedhee ifee mul’ateera. Malkaa Finfinneettis guddummaafi eenyummaan Oromoo calaqqisee mul’achuu isaatiin maqaa gaarii naannoofi biyya keenyaa roga gaariin olkaasee Addunyaa raajeffachiiseera. Sabootni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa duudhaan keessan duudhaa keenya jettanii gammachuu nu waliin qooddachuuf argamtan hundaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata dhiyeessa; isinis galatoomaa!
Jiraattootniifi bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhangaa qopheessitanii; ardaa jilaa misoomsitanii Irreecha Finfinnee ulfoo Oromoo waan tiksitaniif galatooma. Kaabaa Kibbaafi Bahaa Dhihaa saba timmisee malkaasaatti walga’e waliin gammachuun qooddatan michuu dhugaa ta’uu keessaniif ragaadha.
Qaamoliin nageenyaas sadarkaa hundatti tumsa taasiftan hundaaf galatoomaa jenna.
Irreechi eenyummaafi miidhagina isaa waliin Addunyaatti akka mul’atuuf miidiyaaleen biyyya keessaafi Idil-Addunyaa tumsa taasisaa jirtaniif galatni keenya guddaadha.
Tokkummaafi obbolummaan Malkaa Irreecha Finfinneetti har’a mul’ate wabii waliin jireenyaa egeree keenyaafi utubaa olka’iinsa biyyaa ta’uun injifannoo caalu akka gonfannuuf abdii nutti horeera.
Mootummaan naannoo Oromiyaa duudhaan Oromoo haaromee addunyaarratti akka olka’uuf tarkaanfii fudhachuu jalqabe cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaa Irreechi Dhaabbata Barnootaa Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)-tti akka galmaa’uuf kutannoon kan hojjetu ta’uun isiniif ibsa.
Irreecha Hora Finfinneetti waaqni adda nuuf kennee milkoofneerra; mareewoofi gabbisaayyoon uumaa keenya faarfachaa guyyaa Boruu Hora Harsadee Bishooftuutti Irreeffachuuf qajeella.
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa, PMNO
Fulbaana 2018,
Finfinnee
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.