Fana: At a Speed of Life!

Horii aannanii fi aannan biraandii ta’e babal’isuuf hojjechaan jira – Yuunivarsiitii Salaalee

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2017 (FMC) – Yuunivarsiitiin Salaalee qorannoo fi qo’annoo irratti hundaa’uun loon aannanii oomisha gaarii kennanii fi haala hunda dandamachuu danda’an baay’isaan jira jedha.

Yuunvarsiitichi loon naannoo fi ammayyaa karaa saayinsaawaan walirraa diqaalomsuun loon biraandii haaraa oomishtummaan isaanii olaanaa ta’an baay’isaa jiraachuu Yuuniivarsiitii Salaaleetti barsiisaa fi qorataan Saayinsii Beelladaa fi Itti Gaafatamaan Giddugala Horsiisa Beelladaa Yuunivarsiitii Salaalee Fiqiruu Geetaachoon dubbataniiru.

Giddugalichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoo fi qo’annoo gaggeessuun hawaasa naannawaa tajaajilaa jira jedhan.

Teeknooloojii Raaddeen qofti akka dhalatan gargaaru aanaalee Godina Shawaa Kaabaa 9’f bilisaan raabsuu eeran.

Nyaata loonii madaalawaa ta’e kan uumamaa qopheessuun aannan qulqulluu biraandii addaa ta’e oomishaa akka jiru ibsan.

Ammatti aannan, dhadhaa fi baaduu oomishuun, akkasumas Hoolaa, Re’ee fi Loon gabbisuun gatii madaallawaan hawaasa naannawaaf dhiyeessaa jiraachuus kaasaniiru.

Mooraa Yuunivarsiitii fi Mooraa alatti Wiirtuu caalmaa horsiisa loonii hundeessuun qorannoo fi qo’annoo saayinsaawaa hawaasa naannawaa fayyadamoo taasiisan gaggeessaa jirra Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Fayyeeraa Dhinsaan.

Hojiilee eegalaman caalmaatti babal’isuuf Inistiityuutii qorannoo fi qorannoo aannanii fi oomisha aannanii hundeessuuf hojjetamaa akka jiru kaasan Dooktar Fayyeeraan.

Qabiinsaa fi adeemsa oomisha aannaniitti sona dabaluun aannan qulqulluu biraandii ta’e oomishaa jiraachuu fi hawaasas barsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.