Fana: At a Speed of Life!

Horri Finfinnee kabaja ayyaana Irreechaaf qulqulleeffame

Finfinnee, Fulbaana 21, 2018(FMC) – Irreecha Hora Finfinnee Sanbata dhufu kabajamuuf bakki irreeffannaan itti geggeeffamu Paarkiin Irreechaa qulqulleeffameera.

Hoggantoonni, aartistoonni fi qaamoleen hawaasaa adda addaa bakkichatti argamuun qulqulleessaniiru.

Daayreektarri Olaanaan Ejensii Bulchiinsa Qulqullinaa Magaalaa Finfinnee obbo Gazzaahany Deessisaa ayyaanicha dursee hojiin Paarkii Irreechaa miidhagsuu fi qulqullina isaa eeguu hojjetamaa turuu wayituma kana dubbataniiru.

Irreechi Hora Finfinnee Sanbata dhufu Fulbaana 24, Irreechi Hora Harsadee ammoo borumtaa isaa Fulbaana 25, 2018 mata duree “Irreechi Olka’iinsa Biyyaaf'” jedhuun kabajamu.

Dudhaalee nagaan, araara, jaalala, obbolummaa fi tokkummaan kan beekamu Irreechi hanga Onkoloolessa 30ttis bakkeewwan garagaraatti kan kabajamu ta’a.

Iyyoonaadaab Andu’alamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.