Hospitaalichi tajaajila guutuu akka eegaluuf deeggarsi barbaachisu ni taasifama – Obbo Mahaammad Idriis
Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Yunivarsiitii Walaayitaa Sooddoo tajaajila guutuu akka eegaluuf deeggarsi barbaachisaa ta’e ni kennamaaf jedhan Ministirri Nageenyaa fi Dura taa’aan Boordii Yunivarsiitichaa Mohaammad Idiriis.
Obbo Mahaammad Idriis Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Yunivarsiitii Wolaayitaa Sodoo balaa ibiddaatiin miidhame daawwataniiru.
Miidhaa hospitaalicharra gahe kanaan gadda itti dhagahame kan ibsan Ministirri Nageenyaa, hawaasaa fi humnoonni nageenyaa balaa kana to’achuuf carraaqqii guddaa godhaniif galateeffataniiru.
Hospitaalichi waggoota 97 kan lakkoofsise fi namoota hedduu tajaajilaa kan ture ta’uu yaadachiisuun, dafee gara tajaajila guutuutti akka deebi’uuf Mootummaa Naannoo Kibba Ityoophiyaa waliin ta’uun deeggarsi barbaachisaa ta’e akka godhamu mirkaneessaniiru.
Maatusaalaa Maatewoostu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.