Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Hundagaleessi Addaa Yuunivarsiitii Salaalee tajaajila yaala fayyaa kennaa jirutti gammanne – Jiraattoota

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2017 (FMC) –Hospitaalli Hundagaleessi Addaa Yuunivarsiitii Salaalee tajaajila yaala fayyaa kennaa jirutti gammanneerra jedhan hawaasni hospitaalicharraa tajaajila argatan.

Hospitaalli abdii irraa kutannee turre erga Yuunivarsiitii Salaalee jala galee tajaajilli kunnu haala ajaa’ibsiisaa ta’een jijjiirame jedhan jiraattoonni Godina Shawaa Kaabaa fi Hawaasni hospitaalichatti tajaajilaman.

Tajaajila daran fooyya’a ta’e, dhiyeessii qorichaa fi teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun tajaajila yaalaa hundagaleessa kennaa jirutti daraan gammanneerra jedhan.

Tajaajila yaalaa hunda galeessa kennuu eegaluun isaa kana dura riifariin yaala fooyya’aa barbaacha bakka biroo deemuun baasii fi dhamaatii olaanaaf saaxilamaa turre nu oolcheera jedhan jiraattoonni kunneen.

Ogeeyyiin yaala fayyaa ga’umsaa fi aantummaa hawaasaa qaban damee hundaan tajaajila fooyya’aa kennaa jiraachuu ibsan.

Hospitaala deebi’ee dhalateedha jedhan.

Hospitaalli Hunda-galeessi Addaa Yuunivarsiitii Salaalee yeroo ammaa guyyaan namoota 500 keessummeessaa jiraachuu fi waliigala namoota miiliyoona 3 oliif tajaajila yaalaa fayyaa kennaa jiraachuu Itti Aanaan Daayrektera Kenniinsa Tajaajila Fayyaa Hospitaalichaa Dooktar Masfiin Xaafaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Damee hundaan tajaajila giddugala tokkoo kennaa jira jedhan.

Hospitaalli Hunda-galeessi Addaa Yuunivarsiitii Salaalee Meeshaalee Fayyaa sadarkaa Olaanaa ta’an guuttachuun tajaajila yaala dhiqaa Kalee, Kaansarii, baqaqsanii yaaluu gosaa fi sadarkaa hundaa dabalatee yaala guutuu fi qulqulluu ta’e iddoo tokkotti hawaasa isaaf kennaa jira jedhan Dooktar Masfin.

Tajaajila si’aataa fi guutuu ta’e kennuun hawaasa fayya qabeessa horachuuf hojjechaa jirra jedhan Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Fayyeeraa Dhiinsaan.

Hospitaala haala rakkisaa keessa ture amma Hospitaala hundagaleessa addaa fi akka biyyaatti filatamaa ta’e taasisaa jirra jedhan.

Rakkoo kana ture guutummaatti furuun sadarkaa biyyaatti tajaajila gaarii kennuun Hospitaala maqaa gaarii qabu ta’aa jira jechuun ibsan Dooktar Fayyeeraan.

Rakkoo hawaasaa hiikuu fi fedhii tajaajilamaa guutuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa akka jiran dubbatan.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.