Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalonni tajaajila isaanii kalaqaa fi hojmaata haaraan fooyyessuu qabu – Dooktar Maqdas Dhaabaa

Finfinnee, Guraandhala 27, 2018 (FMC) – Hospitaalonni tajaajila isaanii kalaqaa fi hojmaata haaraan fooyyessuu qabu jedhan Ministirri Ministeera Fyyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.

Dhaabbileen fayyaa Itiyoophiyaa hojmaata ammayyaa fi kalaqa hojiirra oolchuun qulqullina kenniinsaa tajaajilaa fooyyeessuu akka qaban yaadachiisan Dooktar Maqdas Dhaabaan.

Sagantaan beekamtii qulqullinaaf Gamtaa Hospitaalota Itiyoophiyaa marsaa 4ffaan gaggeeffameera.

Gamtichi hundeeffama isaarraa eegalee fedhii tajaajila fayyaa hawaasaa fi kenniinsa tajaajilaa fooyyessuurratti hojjechaa jiraachuu himan Dooktar Maqdas saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.

Kanaanis hariiroo Hospitaalota gidduu jiru cimsuun fedhii fi itti quufinsa ummataa guddisuuf hojmaata mijataa uumuu dubbatan.

Sadarkaa biyyaatti tajaajila qulqullina qabu kennuuf dhiyeessii meeshaalee yaalaa guutuurratti hojjechaa turuu eerun, akka biyyaatti dhaabbileen oomisha Oksijinii 64 hundaa’uu kaasan.

Sagantaa kanaan Hospitaalonni bu’aa olaanaa galmeessan 30 ta’an badhaafamaniiru.

Hebroon Waaltaaw

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.