Fana: At a Speed of Life!

Humni Elektirikii Itiyoophiyaa galii Birrii biiliyoona 75 ol argate

Finfinnee, Hagayya 1, 2017 (FMC)- Humni Elektirikii Itiyoophiyaa galii Birrii biiliyoona 75 fi miiliyoona 400 argadhe jedhe.
Hojii Raawwachiisaa olaanaan Humna Elektirikii Itiyoophiyaa Injiinar Ashabbir Baalchaa, galiin argame gurgurttaa humna elektirikii oomishameefi tajaajiloota biroorraa ta’uu dubbatan.
Humni Ekektirikaa %93 gabaa biyya keessaaf kan dhiyaate yoo ta’u, %7 immoo alaaf kan dhiyaatedha jedhan.
Gurgurtaa alaarraa doolarri miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 38.7 kan argme gme ta’u, gabaa biyya keessaaf dhiyateerraa immoo galiin Birrii biiliyoona 28 argamuu ibsaniiru.
Waliigalatti galiin Birrii biiliyoona 75 fi miiliyoona 400 argamuu kaasaniiru.
Dhaabbatichi hojii humna maddisisuu cimsee kan itti fufu ta’uu Injiinar Ashabbir himaniiru.
Yismaawu Adaraawutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.