Humni Poolisii aantummaa uummataa qabuufi ergama isaa gahumsaan bahatu ijaarameera- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Bitootessa 29, 2018 (FMC) – Humni Poolisii aantummaa uummataa qabuufi ergama isaa gahumsaan bahatu ijaarameera jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.
Yaa’iin Komishinaroota Poolisii 20ffaan mata duree “ Tokkummaa Poolisummaa Nageenya Waaraaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Obbo Tamasgeen Xurunaan wayita kana riifoormiin damee Poolisii faayidaa biyyaalessaa fi fedhii uummataa kabachiisee fi raawwii ergamaa ijaaruuf dandeessisu gaggeeffameera jedhan.
Riifoormichaan hojiileen ogeeyyii poolisii gahumsa qaban horachuufi dhaabbata poolisii cimaa uumuuf dandeessisan hojjetamuus eeraniru.
Mootummaan Ida’amuu tajaajilli poolisii amanamaafi amansiisaa ta’uu qabaatti amana kan jedhan obbo Tamasgeen Xurunaan, miseensonni poolisii heera mootummaaf, uummataafi sammuu isaaniif amanamoo ta’uu akka qaban hubachiisaniiru.
Badiiwwan baandaafi diinotaan agaamaman ittisuun bu’aalee ijoo riifoormichaan galmaa’an keessaa tooko ta’uus ibasaniiru.
Gama biraan lootee seentota ergama diinaa fudhatanii dhufan hordofuun, adamsuun fi seeratti dhiyeessuun sosochiiwwan siyaasaafi diinagdee gufuu malee akka hojjetaman taasifamuu eeraniiru.
Filannoon Waliigalaa 7ffaan diimokiraatawaa, naga qabeessa fi walaba ta’ee akka gaggeeffamuuf uummanniifi humnoonni nageenyaa itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan hubachiisaniiru.
Adeemsi filannoo gufuu tokko malee akka raawwatamuuf dhaabbileen nageenyaa sosochii hunda haalaan hordofuun fi nageenya hirmaattota filannoo eeguun irraa eegama jedhan.
Haleellaa alaafi keessaa adeemsa filannoo gufachiisuuf aggaamamu ittisuufi fashaleessuuf kutannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Layikun Alamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia