Fana: At a Speed of Life!

Humni Qilleensaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun seenaa boonsaa qaba – Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Sadaasa 4, 2018 (FMC) – Humni Qilleensaa birmadummaa biyyaa kabachiisuun seenaa boonsaa qaba jedhan Ajaja Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan kabaja guyyaa hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 90ffaa ilaalchisuun jiraattoota Magaalaa Adaamaa waliin marii gaggeessaniiru.

Wayita kanatti Letenaal Jeneraal Yilmaan haasawa taasisaniin, Humni Qilleensaa gootota hedduu kan horate dhaabbata Aveeyshinii guddaadha jedhan.

Dhaabbatichi birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti seenaa boonsaa hojjechuu eeruun, qophaa’ummaa Humna qilleensichaa ummanni akka beekuu fi dandeettii isaa akka cimsatuuf guyyaan hundeeffamaa ni kabajama jedhan.

Haaluma kanaan hawaasni guyyicha waloon akka kabajuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee gamasaaniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa wabii nageenya biyya kanaati jedhan.

Guyyaan hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 90ffaan agarsiisa aveeyshinii, marii paanaalii fi sagantaalee garaagaraan ni kabajama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.