Fana: At a Speed of Life!

Hundeeffamu Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa dadammaqiinsa olaanaa uume …

Finfinnee, Mudde 9, 2018 (FMC)- Waldaan Aksiyoona Kaappitaalaa Awaash hammattoo haaraa Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaan ifatti hojii eegaleera.

Walitti Qabaan Boordii Waldichaa fi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankii Awaash Tsahaay Shifarraaw ibsa kennaniin, Itiyoophiyaan damee faayinaansiin seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaaf gara boqonnaa haaraatti galuun damichaan jijjiirama hedduu taasisaa jirti jedhan.

Jijjiiramoota kanneen keessa tokko Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaala Itiyoophiyaa hundeessuu ta’uu eeruun, dhaabbatichi gara hojiitti galuun damee faayinaansiif dadammaqiinsa olaanaa kan uume ta’uu dubbataniiru.

Waldaan Aksiyoona kaappitaalaa Awaash ulaagaa barbaachisu guutuun tajaajila Baankii Invastimantii kennuuf kan dandeessisu eeyyama Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaarraa argachuu kaasaniiru.

Hojii Raawwachiisaan Waldaa Aksiyoonaa Kaappitaalaa Awaash Dooktar Andu’aalem Hayiluu gamasaaniin, waldichi tajaajila Baankii Invastimantii garaagaraa kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Waldichi Kaappitaala Birrii miiliyoona 200 hojii kan eegale yoo ta’u, waamicha biyyaalessaaf deebii kennuuf karaa qindaa’aa ta’een of gurmeessuun dirqama irra eegamu bahaachuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.