Fana: At a Speed of Life!

Ida’amuu keenyaan milkaa’inni hedduun dhufeera- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Guraandhala 11, 2018 (FMC) – Ida’amuu, walitti dhufuufi waliif dhiisuu keenyaan milkaa’inni hedduun dhufeera jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa sagantaa eebba Warshaa Dhakaa Cilee Arjoo irratti dabarsaniin, mootummaan jijjiiramaa erga dhufee booda wanti guddaan hojjetame yaadaan biyya hogganuudha jedhan.

Kunis mootummaan qabeenya naannawaa hundatti argamu akka ilaaluufi misoomsuuf carraa uumuu ibsaniiru.

Hoggantoonni biyyoota garaagaraa Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf dhufan hojiilee hojjetaman dinqisiifachuu kaasanii, kun dhugoomuu kan danda’e yaadaaf dursa kennuun fi yaadaan biyya hogganuun akka ta’e dubbatan.

Misoomni magaalaa Finfinneetti mul’ate naannawaa hundatti waliin gahaa jiraachuu kaasanii, bu’aan kun hundi ida’amuu, walitti dhufuufi waliif dhiisuu keenyaan argame jedhan.

Hundi keenya nageenya naannawaa keenyaa yoo eegneefi waldhageeffanne hogganaa yaadaan hogganu qaban jedhan.

Warshaan eebbifame baasii sharafa alaa kan hambisu, carraa hojii kan uumuufi karaalee biroon fayyadamummaa kan mirkaneessu ta’uu eeraniiru.

Hawaasni nageenya warshichaa eeguu akka qabu hubachiisanii, Wallaggi nagaa ta’uufi abdii misoomaa guddaa qabaachuu daawwannaa har’aan argamuu ibsaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.