Fana: At a Speed of Life!

Ida’amuun guddina biyya keenyaa mirkaneessuutu nurra jiraata – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajii 16, 2018(FMC) – Ida’amuudhaan guddina biyya keenya qixxee hinqabnee mirkaneessuu qabana jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa ilaachisuun mataduree “Samii Leencotaa, Itiyoophiyaa” jedhuun agarsiisi qilleensarraa Leenca Gurraachaa Bishooftuutti geggeefameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana ergaa dabarsaniin, deggersi fedha irratti hundaa’e kan michoota keenyaa akkuma jiruutti ta’ee bu’aawwanii fi fedhii biyya keenyaa mirkaneessuun dirqama keenya kan jalqabaati jedhan.

Nuti Itiyoophiyaan ala haadha hinqabnu, Itiyoophiyaanis nu malee ijoollee hinqabdu, yeroo Itiyoophiyaan rakkattuu fi hiyyoommattutti lammiileen gara haadha biddeenaa deeman haadhi buddeenaa waan nama hinbaasneef gara biyya isaaniitti akka deebi’an jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Biyyi keenya ijoollee ishee waan hindhiisneef ijoolleen Itiyoophiyaa gita kan hinqabne ta’uu ishee hubannee ida’amuun akka gootota keenya kaleessaa cichoominaanfi guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuun hunda keenya irraa eegama jedhan.

Hayilamaariyaam Taganyiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.