Fana: At a Speed of Life!

Ida’amuun waliigaltee biyyaalessaafi misooma waaraa ijaara- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Hagayya 6, 2017(FMC) – Pireezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah Ida’amuun waliigaltee biyyaalessaafi misooma waaraa ijaara jedhan.

Obbo Adam Faaraah Yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 12ffaa Gaanaa Magaalaa Akiraatti gaggeeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniin, siyaasni biyyoota hedduu yeroo dheeraaf kan hogganamu morkii aangoo, ajandaalee yeroo gabaabaafi wal sakaaluu irratti waan ta’eef biyya dadhabsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbileen siyaasaa akka fedhii isaaniitti osoo hin taane hunda kan hammatan, kan badhaadhaniifi meeshaa biyyoota nageenyi isaanii mirkanaa’ee ta’uu qabu jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa paartii fooyya’iinsa siyaasaa giddugala godhate ta’uus hubachiisan.

Yaadamni Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad “Ida’amuu”n tokkummaa, gahee fi kaayyoo waloo imala badhaadhina keenyaa bakka bu’a jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa miseensota paartilee siyaasaa sadarkaalee bulchiinsaa hunda keessatti hirmaachisuun akka hojjetan gochuus eeraniiru.

Ida’amuun waliigaltee biyyaalessaa waan uumuuf waliigalteen biyyaalessaa ammoo tokkummaa, tasgabbiifi misooma waaraa kan ijaaru ta’uu hubachiisan.

Itiyoophiyaan paartilee siyaasaa karaa seeraa galmaa’an bakka tokkotti walitti qabuun Mana Maree Paartilee Siyaasaa waliigaltee waloorratti hundaa’e hundeessuus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.