Fana: At a Speed of Life!

Iddoon Ayyaanni Daamaraa itti kabajamu qulqulleeffame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2018 (FMC)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti iddoon Sagantaan kabaja Ayyaana Damaraa Masqalaa itti gaggeeffamu qulqulleeffame.

Saganticharratti Sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti Hojii Gaggeessaa Bulchiinsa magaalichaa Injiinar Wandimmuu Seetaa dabalatee hoggantoonni olaanoo magaalichaa biroon argamaniiru.

Akkasumas Abbootiin Amantaa, Dargaggoonni hordoftoota amantaalee garaagaraafi kutaaleen hawaasaa argamaniiru.

Injiinar Wandimmuun wayita kanatti haasawa taasisaniin, ayyaanni Daamaraa Masqalaa Itiyoophiyaa bira darbee addunyaaf hambaa kan ta’e ayyaana waloomaati jedhan.

Haaluma kanaan bulchiinsi magaalaa Finfinnee ayyaannichi duudhaa isaa eeguun haala ho’aa ta’een akka kabajamuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa turuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.