IGAD murtoo Sudaan hirmaannaa guutuu dhaabbaticha keessatti taasisuuf dabarsite fudhate
Finfinnee, Guraandhala 2, 2018 (FMC) – Dhaabbanni Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa( IGAD) murtoo Sudaan hirmaannaa guutuu dhaabbaticha keessatti taasisuuf dabarsite gammachuudhaanan fudhadha jedhe.
Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoon akka jedhanitti murtoo Sudaan gara IGAD’tti deebi’uuf dabarsite tokkummaa, tumsaafi tarkaanfii waloo naannawichaaf kutannoo qabaachuu ishee agarsiisa.
Sudaan gara dhaabbatichaatti deebi’uun dandeettii dhaabbatichi rakkoolee naannawaa furuuf qabu kan guddisu ta’uus ibsan.
Tattaaffii Dura Taa’aa dhaabbatichaa kan ta’an Pirezidaantiin Jibuutii Ismaa’el Oomaar Geeleeh taasisan galateeffachuun, mariin waliigalteerra akka gahamuuf gahee olaanaa bahataniiru jedhan Dooktar Warqinaan.
Rakkoolee yeroo ammaa biyyattiitti mudataniif furmaata nagaa deeggaruun akkasumas tasgabbiifi misooma naannawichaa guddisuuf dhaabbatichi qophii ta’uus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.