Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Daandii Walisoo- Amboo xumuruuf tattaaffiin taasifamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 29, 2018 (FMC)- Ijaarsa Daandii Walisoo- Amboo baatii sadii keessatti xumuruuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhe Bulchiinsa Daandiwwan Itiyoophiyaa.

Bulchiinsichatti hojii gaggeessaan Waajjira maanajimeentii Pirookjektii Naannawaa Amboo Daanyee Laggasaa akka ibsanitti, ijaarsi daandii waggaa jaha dura eegale amma ariiifachaa jira.

Ijaarsi daandii kiiloomeetira 63.79 kun baasii Birrii biiliyoona 3 fi miiliyoona 700 oliin ijaaramaa jiraachuu dubbataniiru.

Ijaarsi daandichaa Intarpiraayizii Ijaarsaa Raayyaa Ittisa biyyaan ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, hojiin gorsaa fi hordoffii immoo Korpooreeshinii Injiinariingi Itiyoophiyaan raawwatamaa jiraachuu himaniiru.

Daandichi sochii daldalaa magaalaa Amboo fi Walisoo gidduu jiru saffisiisuufi jiraattoonni naannawichaa oomisha isaanii karaa salphaa ta’een gabaaf akka dhiyeessaniif ni deeggara jedhan.

Hojii hafe baatii sadii keessatti xumuruuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Intarpiraayiizii Konistiraakshinii Raayyaatti Hojii Gaggeessaan Pirojeektii Daandii Walisoo-Amboo Shiibashii Caakkaa, ijaarsa daandichaa xumuruun fayyadamummaa jiraattootaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.