Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa ogummaa gabaarratti xiyyeeffateen bu’aa jajjabeessan argame

Finfinnee, Caamsaa 23, 2017 (FMC) –Adeemsi ijaarsaa dandeettii ogummaa gabbiisuu gabaarratti xiyyeeffate bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jira jedhe Ministeerri Hojii fi Ogummaa.

Kolleejjiin Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Qonna Ardaayitaa Barattoota ogummaa Sadarkaa Dippiloomaan barsiisaa ture 993 eebbisiiseera.

Kolleejjichi barattoota muummeewwan barnootaa 5’n barsiisaa ture har’a kan eebbise.

Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa obbo Solomoon Sokkaan dhaloota ogummaan gahoomee horachuun carraa hojii babbal’isuun dabalataa dameewwan
akka qonnaa irratti ogeeyyii gahumsa qaban oomishuuf  sosochiin taasifama jiru bu’aa argamsiisaa jira jedhan.

Eebbifamtoonni Ogummaa leenji’aaniin ofiifi biyyaa isaanii jijjiirruuf carraquu akka qaban hubachiisaniiru.

Diiniin Kolleejjii Qonna Ardaayitaa obbo Jamaal Kadiir Kollejjichi barattootaa ogummaa garagaraan barsiisaa ture marsaa 20ffaaf eebbisiisuu Faanaa Miidiyaa Koorpireeshiniif himan.

Hojii dhaloota ogummaan cimsuun cinatti hojjiwwaan fayyadamummaa hawaasa mirkanneessan irratti xiyyeeffannoon hojjetaa jira jedhan.

Lammaa Tasfaayeefi Nagawoo Buzinaatuu gabaase.

#Oromia#Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.