Ijaarsi Loojii Ikkoo Sorgaa saffisaan raawwatamaa jira – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Guraandhala 12, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa Loojii Ikkoo Sorgaa Hara Sorgaarratti raawwatamaa jiru daawwataniiru.
Loojiin Ikkoo Sorgaa Hara Sorgaa irratti lafa hektaara 14 irratti ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, ijaarsi isaa saffisaan gaggeeffamaa jiraachuu eeran.
Ijaarsi isaa yeroo dhiyootti ni xumuramaan eegama jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Magaalaa Naqamteerraa fageenya Kiiloo Meetira 6 irratti kan argamu Loojiin Ikkoo Sorgaa naannawaa eegurra darbee ijaarsaa fi tajaajila adda addaan jiraattootaaf carraa hojii haala uumuu danda’uun kan became ta’uu eeran Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Piroojektichi hawaasa naannawaa fayyadoo taasisaa misooma Tuuruzimii naannichaa kan jajjabeessu ta’a jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.