Ijaarsi mandara jireenyaa qonnaan bultootaa wayita xumuramu haala jireenya qonnaan bulaa ni jijjiiru- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Caamsaa 26, 2017(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ijaarsi mandara jireenyaa qonnaan bultootaa wayita xumuramu haala jireenya qonnaan bulaa kan jijjiiruufi jireenya fayyaa qabeessa kan gonfachiisu jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Qaama hojii tola ooltummaa waqtii gannaa 4ffaafi ijaarsa mandara moodeela misooma kooriidarii baadiyyaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godina Silxee Aanaa Huulbaarag Ganda Waraabat Shaamaatti eegalchiisaniiru.
Bakkeewwan jireenyaa kunneen wayita xumuraman haala jireenya qonnaan bultootaa kan jijjiiraniifi jireenya fayyaa qabeessa kan gonfachiisanidha jedhan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Dooktar Abiy turtii godinichatti taasisaniin hirmaannaa dameen dhuunfaa Indaastiirii qonna qindaa’aarratti qabu daawwachuu eeraniiru.
Indaastii Qonna Qindaa’aa Atoon daawwanneera kan jedhan Dooktar Abiy, hojiileen akka kanaa sagantaa Maaddii Guutuun bu’aa argamsiisuuf karoorfame caalmaatti milkeessuuf jalqabbii gaarii ta’uu isaan jajjabeeffamuu qabu jedhan.