Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi pirojeektota qulqullina qabanii fi magaalattii caalaatti miidhagsanii cimee itti fufa – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 27, 2018 (FMC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, ijaarsi pirojeektota qulqullina qabanii fi magaalattii caalaatti miidhagsanii cimee itti fufa jedhan.

Minisitiirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Paarkii Ispoortii Addis magaalattii keessatti ijaarame kaleessa eebbisuun tajaajilaaf banaa gochuun isaanii ni yaadatama.

Misooma Paarkii Isportii kana irratti qaamolee hirmaataniif sagantaan galataa fi beekamtii kennuu har’a gaggeeffameera.

Kantiibaa Adaanech Abeebee yeroo kanatti akka jedhanitti, Paarkiin Isportii Addis bu’uuraalee misoomaa ispoortii adda addaa iddoo tokkotti kan hammateedha.

Paarkiin kun pirojeektota madda bishaanii waliin kan walitti hidhame ta’uun isaa bifa addaa akka qabaatu taasiseera kan jedhan Kantiibaa Adaanech, gara fuulduraattis pirojeektonni miidhagina magaalattii caalaatti calaqqisiisan qulqullinaan akka ijaaraman eeraniiru.

Qaamolee ijaarsa kana irratti hirmaatan galateeffachuun, hawaasni pirojeektota waliinii akkasii miira itti gaafatamummaan eeggachuu akka qabu dhaamaniiru.

Yismaaw Adaraawutu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.