Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Pirojektii buufata xiyyaaraa Nageellee Booranaa % 84 ol qaqqabe

Finfinnee, Hagayya 3, 2017 (FMC) –Birrii biiliyoona 1.5 oliin Ijaaramaa kan jiru Pirojektiin buufata xiyyaaraa Nageellee Booranaa % 84.5 qaqqabe.

Godina Boorana Bahaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Booranaatti Koorpireeshinii Hojiilee ijaarsa Itiyoophiyaan ijaaramaa kan jiru buufanni xiyyaarichaa % 84.5 qaqqabuu hoji gaggeessaan pirojektichaa obbo Eeliyaas Gabayyoo himaniiru.

Hanga Baatii Fulbaanaa bara 2018tti xumuruun tajaajila balallii biyya keessaa jalqabsiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuus obbo Eeliyaas dubbataniiru.

Pirojektichi guutumaa guututti yoo xumuramu balallii xiyyaara gurguddaa Booyingii 737 hanga Booyingii 800 tajaajiluu kan danda’u ta’uus ibsuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.