Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi piroojektii hidha Magaci sadarkaa gaariirra jira

Finfinnee, Caamsaa 22, 2017(FMC) – Ijaarsi piroojektii hidha Magaci rakkoon isaa duraa furamuun sadarkaa gaariirra jira jedhan Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay.

Raawwiin hojii ijaarsa hidhichaa bakka Dooktar Abrahaam Balaay argamanitti gamaaggamamaa jira.

Dooktar Abrahaam Balaay turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin taasisaniin, ijaarsi hidhichaa waggoottaniif harkifatee turuu yaadachiisuun, xiyyeeffannoo addaa mootummaan kenneen rakkoo ture keessaa bahuu eegaleera.

Yeroo ammaa raawwiin piroojektichaa sadarkaa gaariirra jiraachuus kaasaniiru.
Piroojektichi qulqullinaafi ariitiin akka xumuramuuf mootummaan hordoffii cimaa taasisaa jira jedhan.

Ganni osoo hin galiin dura karoora piroojektichaa milkeessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Minaalee Ayyanawutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.