Ijoolleen hoggantoota Afrikaa sosochii Paan-Afrikaaniizimiin beekamanii Hidha Haaromsaa daawwatan
Finfinnee, Sadaasa 27, 2018 (FMC) –I joolleen hoggantoota Afrikaa sosochii Paan-Afrikaaniizimiin beekamanii magaalaa Piroojektii Hidha Guddicha Haromsa Itiyoophiyaa daawwatan.
Daawwannaa kanarratti maatiin Paatiriis Luumuumbaa, Neelsan Maandeellaa, Kuwaamee Nuukuruumaafi hundeessitoota Gamtaa Afrikaa akkasumas hirmaattota sosochii Paan-Afrikaaniizimii biroon argamaniiru.
Daawwattoonni kunneen sagantaa badhaasa miidiyaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamerratti hirmaachuun isaanii kan beekamudha.
Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa kan eegne ol ta’ee arganne jedhan daawwattoonni kunneen.
Qaamoleen kunneen guyyaa kaleessaa magaalaa Finfinneetti Yaadannoo Injifannoo Adwaa, Masaraa Biyyaalessaa, Godambaa Saayinsiifi hojiilee misooma kooriidarii daawwachuun kan yaadatamuudha.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.