Imaammata Alaa Itiyoophiyaa faayidaa biyyaalessaa bu’uura godhate…
Finfinnee, Bitootessa 21, 2018(FMC) – Waggoottan darban keessa Imaammanni Alaa Itiyoophiyaa faayidaa biyyaalessaa bu’uura godhachuun gaaffii karra galaanaa ajandaa taasiseera.
Imaammanni Alaa Itiyoophiyaa birmadummaa fi tokkummaa Itiyoophiyaa kabachiisuu, misooma diinagdee saffisiisuu fi ijaarsa sirna diimokiraasii dagaagsuun bara jijjiiramaa keessa milkaa’ina olaanaa galmeesseera.
Mootummaan jijjiiramaa imaammata alaan utubaalee dippiloomaasii murteessoo ta’anirratti xiyyeeffachuun hojiilee hojjetaa tureen bu’aa hedduu fideera.
Keessattuu dippiloomaasii lammiilee, dursa ollaaf, walitti hidhamiinsa naannawaa, akkasuma imaammata alaa tumsa idil addunyaa deeggaran hojiitti hiikuun dhaga’amtummaa fi fudhatamummaa Itiyoophiyaa olkaasuu danda’eera.
Hariiroo idil-addunyaa keessattis akkaataa dantaa biyyaaleessaa kabachiisuun, qaaniirra bilisa ta’uun, ogummaa fi hamilee guutuun mirga qabeenya uumamaa ofii misoomsuu dabalatee karri galaanaa ajandaa akka ta’uu taasifameera.
Kanaanis Itiyoophiyaan biyyoota naannawaa waliin hariiroo hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa cimaa uumuun tumsaan hojjetaa jirti.
Olaantummaa naannawicharratti qabdus sirnaan bahachaa jirti.
Waggoottan darban keessa dhiibbaa tureef osoo harka hin laatin faayidaa biyyaalessaa ishee mirkeessuu dandeesserti.
Tumsawwan akka BRICS keessatti miseensa ta’uun biyyoota kanneen waliin michummaa gaarii uumteerti.
Mootummoota Gamtoomaanii dabalatee dhaabbilee jajjaboo idil addunyaa keessatti Afrikaanoonni bakka bu’iinsa akka qabaataan sagalee ta’uun qajeeltoo rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa jedhu qabatamaan agarsiisuu dandeesserti.
Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaatti guddina waloo mirkaneessuuf qooda olaanaa bahachaa jirti.
Itiyoophiyaan yeroo garaagaraatti nageenya ardichaa kabachiisuuf akkasumas sagalee Afrikaa waltajjii idil addunyaarratti dhageessisuuf tattaaffii taasisaa turteen milkaa’inni guddaan argameera.
Walitti hidhamiinsa humna elektirikii, daldala daangaa ce’aa, daandii fi nageenya waloo irratti hojii qabatamaa agarsiisaa jirti.
Itiyoophiyaan dhiibbaa ardiichaa fi naannawichatti qabduun hariiroo Afrikaa waliin taasifamuuf filatamtuu ta’uun, hojiilee hammattoo foooyyeessi diinagdee gooroon hawwatummaan invastimantiifi daldalaa dabalaa dhufeera.
Kanaan duraa Itiyoophiyaan hariiroo gamlamee biyyoota dhiibbaa uuman muraasa qofa waliin qabdu babal’isuun keessattuu biyyoota muuxannoo fi ogummaan irraa argamu waliin tumsa haaraa cimsuun fedhii ishee guutachuuf hojjetaa jirti.
Siifan Magarsaatiin.
#Oromia #Ethiopia