Fana: At a Speed of Life!

Imaammata, tarsiimoofi sagantaalee garaagaraa qopheessuun badhaadhina bu’uura amansiisaa irratti ijaaruuf hojjetamaa jira- Obbo Hayiluu Addunyaa

Finfinnee, Bitootessa 23, 2018(FMC)- Mootummaan imaammata, tarsiimoofi sagantaalee garaagaraa qopheessuun badhaadhina bu’uura amansiisaa irratti ijaaraa jira jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa.

Egzibiishiniin raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darban irratti xiyyeeffatu mata duree “Waadaa gochaan: Filannoo hanga Filannootti” jedhuun qopheessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaan Magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti banameera.

Obbo Hayiluu Addunyaan wayita kana biyya jabduufi mootummaa cimaa qormaata kamuu qolachuun dinagdee itti fufiinsa qabu, misooma hawaasummaa bu’uurri isaa cimaa ta’e, egeree amansiisaa ijaaruuf boqonnaa haaraan saaqame injifannoo wareegama qaalii kaffalameen galmaa’uu eegale cimee itti fufuu ibsaniiru.

Mootummaan imaammata, tarsiimoofi sagantaalee garaagaraa qopheessuun inisheetiiviiwwaniin masakee baay’ina, qulqullinaafi ariitiin hojjechuun badhaadhina bu’uura amansiisaa irratti ijaaraa jiraachuus kaasaniiru.

Waadaa gale hundas gochaan dhugoomsaa filannoo hanga filannoottis hojii hojjetamaa dhufeen, waadaa gale raawwatee, sirna bu’uura hawaasummaa qabu dhalootaaf ijaaraa jiraachuu dubbataniiru.

Mootummaan Naannichaa ergama akka biyyaatti qabame adda durummaan milkeessuun harka tokkoon olaantummaa seeraa mirkaneessaa harka biraatiin hojii misooma itti fufiinsaan hojjechuun aantummaa uummata isaaf qabu mirkaneessuu irratti akka argamu himaniiru.

Kanaanis; qormaatilee imala jijjiiramaa gufachiisuuf carraaqan karaa irraa maksaa, injifannoowwan argame bu’uuressuun danda’ameera jedhan.

Eegzibiishinii kanarratti hojiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoota Shanan darban hojjetamaa turan danuu keessaa muraasni agarsiisaaf dhiyaachuu eeraniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.