Imala miseensota maatii tokkoo lubbuu namoota 5 galaafate
Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Imala miseensota maatii tokkoo lubbuu namoota 5 galaafate balaa Xiyyaaraa Hindii.
Ogeessa Sooftweerii kan ta’e Dooktar Piraatiik Joosiin waggoota jahaaf Ingiliiz magaalaa Landan keessa jiraataa ture.
Ogeettii yaala fayyaa kan taate Haati Warraa isaa Dooktar Koomii Viiyaas ammoo ijoollee sadi waliin Hindi keessa jiraataa turte.
Dooktar Piraatiik Joosiin Maatii isaa Hindi jiraataan gara Landan fudhachuun waliin jiraachuun karoora isaa ture.
Guyyaa lama dura haati warraa isaa Hindi Uuddiipuur keessatti hojii yaala fayyaa hojjetaa jirtu fedhii isheen gadi lakkisuun gara Landan imaluuf qophiirra turte.
Kaleessa ganama maatii ishee waliin gara Landan imaluuf Daandii Qilleensaa Hindii lakkoofsa balallii 171 imala eegalte.
Wayita imala eegalan ijoollee ishee sadanii fi abbaa warraa ishee Dooktar Piraatiik Joosiin waliin suuraa ka’uun gammachuu isaanii ibsataa maatii fi firrootaan isaaniif ergaa turan.
Yaa ta’uutii xiyyaarri ittiin imala eegalan kufee caccabuun abjuun isaanii karaatti hafe.
Abjuun isaanii sekondii muraasa keessatti dhadhaa ibidda buute taate jechuun gabaasan miidiyaaleen idil addunyaa garaagaraa.
Balaa xiyyaaraa Hinditti mudate kanaan namoonni 241 lubbuun darbeera.
Lammiin Ingiliiz ga’eessa umrii waggaa 40 Viishivaash Kuumaar Raameesh qofti lubbuun oole.
Dooktar Piraatiik Joosiin haadha warraa isaa Dooktar Koomii Viiyaas fi ijoollee isaa sadi waliin imalli eegalan sekondii 30 booda xumurame.
Dooktar Piraatiik Joosiin maatii isaa fudhachuuf waggoottan 6 obsaan eegaa ture. Obsi waggoota 6 sekondii 30 keessatti xumura argate.
Ka’umsa balichaa beekuuf qorannoon gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, qorannichi guyyoota fudhachuu danda’a jedhame.
Balaa suukaneessa mudate kan hordofee Mootummoota Gamtoomaanii fi Gamtaa Afrikaa dabalatee hoggantoonni dhaabbilee idil addunyaa fi biyyoota garaagaraa ergaa gaddaa dabarsaniiru.
Mootummaa Hindii fi maatii miidhamtootaa jajjabeessaniiru.
Siifan Magarsaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.