Imalli badhaadhina keenyaa hundarraa hundaan hundaaf akka ta’u ni hojjetama- Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) – Imalli kallattii badhaadhina diinagdee keenyaa hundarraa hundaan hundaaf akka ta’u ni hojjetama jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.
Obbo Adam Faaraah turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin taasisaniin, Mootummaan Ida’amuu, yaadama Ida’amuun hogganamu gaheewwan diinagdee afur irratti xiyyeeffatee hojjeta jedhan.
Kan jalqabaa kallattii diinagdee damee hedduu hojiirra oolchuu ta’uu kaasanii, ce’umsa caaseffamaa fiduufi diinagdee magariisaa haalota jijijjiiramoo dandamatu ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa saffisiisa jedhan.
Kan lammaffaa kallattii qooda fudhattoota hedduu ta’uu eeruun, qaamoleen diinagdee keessatti qooda qaban itti gaafatamummaa qeenxeefi waloo haalaan akka bahatan kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.
Adeemsa kana keessatti mootummaan gahee adda duree kan bahatu ta’uu kaasanii, dameewwan dameen dhuunfaa keessatti hin hirmaanne keessatti mootummaan dammaqinaan invast kan godhu ta’uu eeraniiru.
Sadaffaan kallattii fayyadamummaa dameewwan hedduu ta’uufi diinagdee hundi haqummaan fayyadamuufi keessatti hirmaatu uumuudha jedhan.
Haaluma Kanaan hundaaf carraa qixa ta’e uumuun hirmaannaafi sosochii diinagdee saffisiisuun bu’aa isaarraa hundi haqummaan akka fayyadamuuf haala mijeessuu ta’uu kaasanii, hojiin imalli badhaadhina keenyaa hundarraa hundaan hundaaf akka ta’u gochuu ni hejjetama jechuun ibsan.
Kallattii afuraffaan tumsa naannawaafi idil-addunyaa cimsuu ta’uu eeranii, badhaadhina gama maraa mirkaneessuun kan danda’amu warreen kaan waliin waltumsuun ta’uu dubbataniiru.
Walitti hidhamiinsa diinagdeen, faayidaa waloorratti waloon hojjechuun, sirni haqa qabeessi akka jiraatu gochuun, fi oomishaaleen biyya keessaa gabaa addunyaa irratti carraa fooyya’aa akka argataniif tumsaan hojjechuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.