Imbaasiiwwan biyyoota garaagaraa Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Amajjii 11, 2018 (FMC) – Imbaasiiwwan biyyoota garaagaraa Finfinneetti argaman Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Itiyoophiyaatti Imbaasiin Raashiyaa ergaa dabarseen Ayyaanichi kan nagaa, fayyaafi gammachuu akka ta’u hawweera.
Itiyoophiyaatti Imbaasiin Ameerikaas hordoftoota amantichaa Itiyoophiyaafi guutuu addunyaatti argaman maraaf ergaa hawwii gaarii dabarseera.
Kana malees Imbaasiiwwan biyyoota kanneen akka Jarman, Neezerlaand, Ingiliz, Siwiizarlaand, Siwiidiin fi Fiinlaand ayyaanicha sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Imbaasiiwwan Israa’el, Armeeniyaa, Kaanaadaa, Iraan, Paakistaaniifi Awustaraaliyaas hawwii gaarii qaban dabarsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.