Imbaasiwwan biyyoota garaa garaa ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan
Finfinnee, Eebila 4, 2018 (FMC)- Imbaasiwwan biyyoota adda addaa ayyaana Faasikaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isiniin gahee dabarsaniiru.
Itoophiyaatti Imbaasiin Yunaayitid Kingidam ayyaanni Faasikaa yeroo abdii,haaromuu fi tokkummaan itti mul’atu ta’uu ibseera.
Itoophiyaatti Imbaasiin Iraan baga ayyaana Faasikaatiin isiniin gahe jechuun hawwii gaarii qabu ibseera.
Imbaasiin Paakiistaanis ayyaanni Faasikaa kan gammachuu fi eebbaa akka ta’u hawwii isaa dabarseera.
Itoophiyaatti Imbaasiin Raashaa baga ayyaana Faasikaatiin isiniin gahe jechuun, ayyaanichi kan nagaa, jaalalaa fi gammachuu akka ta’u hawwera.
Imbaasiin Israa’eel gama isaan hordoftoota amantii Kiristaanaa hundaaf baga ayyaana Faasikaatiin nagaadhaan isiniin gahe jedheera.
Imbaasiwwan Siwiidin, Siwiizarlaandi, Jarman, Armeeniyaa fi Kanaadaa imbaasiwwan biyyoota hawwii gaarii ayyaana Faasikaa dabarsan keessatti kan eeramaniidha.