Fana: At a Speed of Life!

Imbaasiwwan biyyoota garaagaraa fi dhaabbileen idil addunyaa ayyaana bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 1, 2018 (FMC) – Imbaasiwwan biyyoota garaagaraa fi Dhaabbileen idil addunyaa teessoo isaanii Finfinnee godhatan ayyaana bara haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Itiyoophiyaatti Imbaasiin Raashiyaa ayyaanichi ayyaana gammachuu fi badhaadhinaa akka ta’u hawweera.

Bara haaraa kanatti hariiroon biyyoota lamaanii caalmaatti akka cimu kan hojjetu ta’uu eerera.

Itiyoophiyaatti Imbaasiin Ameerikaas Ummata Itiyoophiyaa maraan baga ayyaana bara haaraa 2018 nagaan geessan jedheera.

Barri haaraan kun kan gammachuu, badhaadhinaa, jaalalaa fi obbolummaa akka ta’u hawwii qabu ibseera.

Bara haaraatti abdii haaraan hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu himeera.

Akkasuma Itiyoophiyaatti Imbaasiin Yuunaayitiid Kiingidam ummannii fi mootummaan Itiyoophiyaa baga haara 2018 nagaan geessan jedheera.

Itiyoophiyaatti Imbaasiin Armaaniyaa, Awustiraaliyaa, Siwiidiin, Neezarlaandi, Siwiizarlaandi, Kaanaadaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaan Awurooppaa ergaa baga geessaniiru.

Ambaasaaddaroonnii fi Hoggantoonni Dhaabbilee kanneenii ayyaanni bara haaraa 2018 ayyaana fayyaa, misoomaa, tokkummaa fi badhaadhinaa akka ta’u haawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.