Fana: At a Speed of Life!

Inisheetiivii Avokaadoo irratti bu’aa fooyya’aan mul’achaa jira

Finfinnee, Caamsaa 27, 2017 (FMC)–Inisheetiiviin Avokaadoo jalqabiirra ta’uus bu’aa fooyya’aa galmeessaa jira jedhe Ministeerri Qonnaa.

Ministeerichatti Dursaan Hojii Raawwachiisaa Misooma Hortikaalcheerii Abdallaa Nagaash akka jedhanitti, biqiltuuwwan kuduraalee dhaabamaa jiran keessaa %80 Avokaadoodha.
Naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Giddugaleessaa Itiyoophiyaa fi naannoolee birootti sanyiin fooyya’aa Avokaadoo kilaasteraa fi misooma Jallisiin bal’inaan oomishamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Bu’a qabeessummaa Insheetivichaaf Ashaaraan Magariisaa gahee olaanaa bahachuu ibsuun, bara 2018 eegalee damichaaf deeggarsi faayinaansii kan taasifamu ta’uu dubbataniiru.
Baatiwwan saglan darban Avokaadoo alatti ergamee irraa galiin Doolara miiliyoona 2 fi kuma 900 argameera jedhan.
Almaaz Mokonniintu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.