Inisheetiivii Maaddii Guutuu faayidaa wabii nyaataa fi guddina diinagdee argamsiise
Finfinnee, Bitootessa 23, 2018 (FMC) – Waggoottan jijjiirama darban hojiirra kan oole Inisheetiiviin Maaddii Guutuu faayidaa wabii nyaataa fi guddina diinagdee argamsiiseera.
Sagantaan Maaddii Guutuu inisheetiiviiwwan jiruufi jireenya lammiilee jijjiiruuf hojiirra oolan keessaa tokkodha.
Sagantichi oomisha Aannanii, Killee, Dammaa, Horsiisa Lukkuu, Qurxummii fi kanneen biroo guddisuurratti kan xiyyeeffateedha.
Sagantaa kanaan sanyii beelladoota miiliyoona 5 fooyyessuu fi Killee biiliyoona 12 oomishuuf hojjetamaa jira.
Bara 2012 waggaatti foon tooniin kumni 300 oomishamaa ture bara 2017tti Toonii miiliyoona 3.8 qaqqabeera.
Killeen biiliyoonni 2.8 qofti oomishamaa ture bara 2017tti biiliyoona 9.4 oomishuun danda’ameera.
Aannan duraan Litirri biiliyoona 4.7 oomishamaa ture ammaa liitirri biiliyoonni 13.3 oomishamaa jira.
Dhiyeessiin lukkuu miiliyoona 10 ture amma miiliyoona 100 fi miiliyoona 36 caalaa dhiyeessuun danda’ameera.
Qurxummiin Toonii 57 irraa gara Toonii 243tti guddateera.
Bara 2012 Dammii Tooniin 59 oomishamaa ture gara Toonii 327tti guddateera.
Qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni miiliyoonni 12.5 ol Inisheetiivii Maaddii Guutuurraa fayyadamoo ta’aa jiraachuun beekameera.
Inisheetiivichi oomishaalee alaa gala turan kan biyya keessaan bakka buusuun wabii nyaataa mirkeessaa carraa hojii bal’aas uumeera.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia