Inisheetiivii Misooma Ruuzii Oromiyaa….
.Finfinnee, Hagayya 9, 2017 (FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa, inisheetivoota galmoota qonnaa ariitiin akka milkeessan bocee hojiirra oolchaa jiruun, hunda caalaa omisha guddisuurratti bu’a gaggaariin argamaa jiru jedhan Pireezidaantiin MNO obbo Shimallis Abdiisaan.
Jalqabbii gaarii gama kanaan argame, gama oomishtummaafi qulqullinaatiin dabaluuf luucceffatee hojiitti galeera.
Akkaatuma kanaan, eksiteenshinii, galteewwan qonnaa, teknoolojiifi sanyii filatamaa inisheetivoota kanniinii, akkaataa garaagarummaa ‘agro-ecology’ (haala qilleensaa, gosa biyyee, hojii baramaafi kkf)’fi barbaadamummaa gabaatiin qopheessee hojiirra olchaa jira. Kanneen bifa kanaan lafa qabataa jiran keessaa, inisheetiviin misooma ruuzii isa tokko.
Dhuma bara 2014, Labsii Baddalleetiin inisheetivii ruuzii yemmuu ifoomsinu, qonni ruuzii godina tokko qofaatti kan daanga’e ture.
Bara omishaa (2013/2014)tti, uwwisni qonna ruuzii naannoo keenyaa lafa hektaara kuma 20 qofa yoota’u, callaan argame kuntaala kuma 800 kan hindabarre ture.
Hojii baldhaa qormaatilee turan furuu irratti raawwatameen, yeroo gabaabaa keessatti gara godinaalee Lixa Oromiyaa torbatti babaldhisuun danda’ame. Caalaatti ammoo, hojii baldhaa sanyii ruuzii ‘agro-ecology’ garagaraatti
madaqan/dandamatan baasuufi dhiyeessuu irratti raawwatameen, godinaaalee akka Harargee lamaaniitti babaldhisuun danda’ameera.
Kanaanis, lafa banaa gammoojjii hanqina roobaatiin omishaan ala ture gara misooma ruuziitti galchuun, omisha waliigalaa dachaa hedduun guddisuun milkaa’era.
Bu’uuruma kanaan, waggaa sadi booda, bara omishaa 2016/2017 uwwisa kana gara hektaara miiliyoona 1.5’tti guddisuun callaa kuntaala miiliyoona 53.6 argachuun danda’ameera.
Imala eyyentaa kana keessatti, gaheen hojii mekaanaayizeeshinii qonnaa babaldhisuu irratti raawwatamaa ture kan dagatamuu miti.
Guddinni uwwisa lafaafi omishaa kun, gabaa biyya keessaa tasgabbeessuu, ruuzii alaa galu hirdhisuu, darbees galma wabii nyaataa mirkaneessuuf qabame utubuu keessatti bu’aa qabatamaa kan agarsiisedha.
Hundaa’ol ammoo, carraa hojii umuufi madda galii dabaluun, maatii qoteefi horsiisee bulaa fayyadamaa taasisaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa milkaa’ina kanaan dagannaa keessa osoo hingalin, bara omishaa 2017 irraa eegalee, xiyyeeffannoo isaa guutumatti oomishtummaafi qulqullina omisha ruuzii dabaluuf sochiirratti argama.
Akkaatuma kanaan, sanyii ruuzii omisha olaanaa kennan, dhibeefi ilbiisa dandamatan, akkasumas gabaa giddugaleessafi idil-addunyaa irratti barbaadaman qorannoon baasuufi dhiyeessuu irratti, xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Gama birootiin, waldaalee bu’uuraa, akkasumas qoteefi horsiisee bultoota qusachiisuun maashinoota ruuzii afuufan (Polishers) dhiyeessuu jalqabeera.
Addatti ammoo, ekisteenshinii ruuzii ‘agro-ecology’ jiran kopha kophaatti xiinxalan, darbees qotee bulaa, ogeessafi hoggansa gandaafi aanaa, mata mataatti ilaallatan qopheessuun, leenjiitti galuuf qophiin xumuramee jira.
Walumaagalatti, imalli ariitii hanga ammaa gama omisha dabaluutiin galmaa’e, waggoota muraasa keessatti fedhii biyya keessaa guutuun gara al-ergiitti ce’uuf dandeettii amansiisaa qabaachuu keenya kan agarsiisudha.
Kanaafis, oomishtummaafi qulqullinaa dabaluurratti hojjechuun dorgommummaa idil-addunyaatiif gamanumaa ofqopheessuun dhimma bu’uuraa ta’uu hubatamuu qaba.