Inistiitiyuutii sirna faayinaansii amansiisaa ijaaruuf dandeessisu…
Finfinnee, Mudde 2, 2018 (FMC)- Sagantaan jalqabsiisa hojii Inistiitiyuutii Ogeeyyii Herregaa Itiyoophiyaa gaggeeffameera.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee wayita kana Inistiitiyuutichi hojii eegaluun sirna faayinaansii ammayyaafi amansiisaa ijaaruun guddina diinagdee waliigalaaf qooda olaanaa qaba jedhan.
Dameen faayinaansii amansiisaan akka uumamuuf, hawaasni damee faayinaansiirratti hubannoo gahaa akka qabaatuufi qaamolee murtoo kennaniif faayidaa olaanaa qabaachuus eeraniiru.
Keessumaa guddinaafi ce’umsa diinagdee saffisiisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi gamasaaniin, ogeeyyiin herregaa gahaan jiraachuu dhabuun hojiileen herregaa dhaabbilee garaagaraa keessatti hojjetaman iftoomina akka hin qabaanne taasisuu kaasaniiru.
Inistiitiyuutichi hojii eegaluun rakkoo gama damichaan jiru furuuf kan dandeessisu ta’uus dubbataniiru.
Qiddist Tasfaayeetu gabaase.
#Oromia #ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.