Inistiitiyuutiichi workishooppii mirkaneessa qorannoowwan bara 2017 gaggeesse
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) – Inistiityuutii leenjiifi qorannoo seera Oromiya workishooppii mirkaneessa qorannoowwan bara 2017 mata dureewwan qorannoo garaagaraa irratti gaggeesse.
Workishooppii mirkaneessa qorannoowwan bara 2017 kun bakka Ogeeyyiin seeraa,qaamoleen qooda fudhattootaa fi Preezidaantiin mana murtii waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaa Simal argamanitti gaggeeffameera.
Inistiityuutichi tajaajilli kenninsa haqaa haalan hojiirra oolee bu’aan barbaadamu akka argamuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu Itti aanan Daayrektara olaanaa Inistiitiyuutii leenjiifi qorannoo seera Oromiyaa obbo Sulxaan Abdoon haasawa taasisaniin ibsaniiru.
Manneen murtitti hawaasni tajaajila si’ataafi qaqqabamaa akka argatuuf qorannoowwan garaagaraa gaggeessuun akka hojiirra oolus taasifamaa turuu himan.
Inistiitiyuutiichi hanga ammaatti qorannoowwan 90 ta’an qorachuun hojiirra akka oolus taasifamera jechuun himan.
Pireezidaantiin Mana Murtii waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaa Simal gama isaaniin
Qorannoo kun qorannoo rakkoo hiikuufi sirna haqaa keenya jijjiiruu danda’uudha jedhan.
Qorannichaanis rakkoowwan adda baafamaniif yaadni furmaataa kaame bu’urarraa rakkinichaaf furmaata waaraa akka ta’uu danda’u ibsaniiru.
Faxxanaa Zawudeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.