Inistiityuutii Leenjii kabachiisa nageenya idil addunyaaf deeggarsi Doolaara kuma 100 fi kuma 7 taasifame
Finfinnee, Bitootessa 21, 2018(FMC) – Raayyaa Ittisaatti Inistiityuutii Leenjii kabachiisa nageenyaa idil addunyaaf deeggarsi Doolaara kuma 100 fi kuma 7 taasifameera.
Giddugala Kabachiisa Nageenyaa Raayyaa Ittisaatti Inistiityuutii Leenjii kabachiisa nageenyaa idil addunyaa fi Sagantaa Misoomaa Mootummoota Gamtoomanii gidduutti waliigalteen deeggarsa Doolaara kuma 100 fi kuma 7 taasifameera.
Maallaqichi barattoonni Inistiityuutichaa sagantaa barnoota isaanii akka fooyyeffataniif kan oolu ta’uu Ajajaan Inistiityuutichaa Kolooneel Geetuu Taayyeen ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti bakka bu’aan sagantichaa Saamu’eel Doo gama isaaniin, Hirmaannaa ho’aa Itiyoophiyaan bara 1951 eegaltee bobbii kabachiisa nageenyaa Idil addunyaa keessatti taasisaa jirtu dinqisiifataniiru.
Raayyaan Itiyoophiyaa Kabachiisa nageenyarratti kan bobba’u namuusa gaarii fi cimina olaanaa waan qabuufi jedhan.
Nageenyii fi misoomni adda waan hin baaneef deeggarsi kun nagaa eegsisuu irratti hoggansa Afrikaa cimsuuf kutannoo qabnu kan agarsiisu jechuun ibsan.
#Oromia #Ethiopia