Inistitiiyuutichi Sanyiiwwan 24 ol qorannoon baase
Finfinnee, Hagayya 9, 2017 (FMC)- Inistitiiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa bara 2017 sanyiiwwan miidhaanii gosa adda addaa 24 qorachuun baaseera jedha.
Inistitiiyuutichi oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjechaa jiraachuu Daayrektarri Olaanaa Inistitiiyuutichaa Obbo Tashoomaa Boggaalaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Bara kana Sanyiiwwan oomishtummaa olaanaa qaban 24 qorannoon addaa baasuun dhiyeesseera jedhan.
Sanyii haaraan kun sanyii durarra % 15-50 oomishaafi oomishtummaan caalmaa kan qabuudha jedhan.
Sanyiiwwan kunneen dhukkuba kan dandamataniifi qabiiyyee fooyya’aa qabaachuu obbo Tashoomaan dubbataniiru.
Akkasumas haala qilleensaa jijjiramus kan dandamataniidha jedhan.
Sanyiiwwan dhiyaatan kan nyaataf olaan qofa osoo hin taanee oomishaalee alergiis kanneen akka bunaa, saliixaa fi boloqqee akka of keessatti qabatus ibsaniiru.
Akkasumas qurxummii sanyii fooyya’aa qorachuun kan dhiyeessu ta’uu himaniiru.
Qurxummiin qabiiyyee olaanaa qabu hawaasa keessatti akka babal’atuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Nyaataa horii aannanii, foonii fi kan biroof oolan qorachuun kan dhiyeessu ta’uu kan dubbatan obbo Tashoomaan, Inistitiiyuutichi giddugaloota qorannoo adda addaa gaggeessan 17 qabaachuu himaniiru.
Giddugaloonni kunneen sanyiilee fooyya’oo maddisiisuu, baayi’isuu, madaqsuu fi babal’isuun qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa naannichaa biraan gahaa akka jiran kaasaniiru.
Akkasumas hojiilee misooma qonnaa milkeessuuf hojjechaa jiraachuus himan.
Qorannoon biyyees kan geggeeffamu ta’uu himanii, oomishaafi oomishtummaa guddisuuf fayyummaan biyyee mirkanaa’uu qaba jedhan.
Inistitiiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Sanyii haaraa baasuu fi baay’isuun Intarpiraayzoota Sanyii Filatamaa fi Yuuniyeenootaaf dhiyeessa.
Qonnaan bulaa bira sanyiin foyyaa’aan akka qaqqabuus ni hordofa.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.