Inistitiyuutichi Biiroo Barnootaa Oromiyaaf Kitaabilee gumaache
Finfinnee, Adoolessa 17, 2017 (FMC)- Inistitiyuutiin Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo Kitaabilee kuma 60 Biiroo Barnootaa Oromiyaaf gumaacheera.
Inistitiyuutichi aadaafi seenaa Oromoo irratti qo’annoofi qorannoo geggeessuun kanneen dhokatan beeksisuu fi seenaa dabe sirreessuurratti hojjechaa jira.
Waggaa waggaanis aadaa,duudhaa,seenaafi afaan irratti qorannoo bilchaataa geggeessuun kitaabilee maxxansuun hawaasa biraan gahaa jira.
Haaluma kanaan inistitiyuutichi guyyaa har’aa kitaabilee adda addaa lakkoofsaan kuma 60 ta’an Birrii miiliyoona 15 olitti tilmaamamu Biiroo Barnoota Oromiyaaf kenneera.
Kitaabileen kunis tajaajila dubbisaaf kan oolan yoo ta’an, godinaaleefi magaalotaaf kan qoodamaniidha.
Daayirekterri olaanaa Inistitiyuutichaa Dooktar Dirribaa Tafarraan, inistitiyuutichi afaan sabichaa guddisuun afaan saayinsii taasisuun dhaloota afaan,aadaa,safuu fi duudhaa isaatti boonu horachuuf kaayyeffatee hojjetaa jira jedhan.
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo gamasaaniin,namni barate kan jedhamu saayinsii addunyaa beekuu qofa osoo hin taanee aadaa, duudhaa,safuufi seenaa isaa beekuutu guutuu taasisa jedhan.
Kitaabni kunis manneen barnootaa bira ga’uun mana kitaabaa galee barattoonni dubbisuun aadaa, seenaa,duudhaa fi eenyummaa isaanii akka beekaniif kan gumaachu ta’uu ibsanii,inistitiyuuticha waliinis fuulduratti qindoominaan kan hojjetan ta’uu himuu isaanii ragaan BKO irra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.