Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa nageenya waloo fi tumsa loltummaa Afrikaanotaaf bu’uura cimaadha- Injiinar Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Guraandhala 22, 2018 (FMC)- Injifannoon Adwaa nageenya waloo fi tumsa loltummaa Afrikaanotaaf bu’uura cimaadha jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad.

Konfiraansiin 2ffaa Ministiroota Raayyaa Ittisaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Injiinar Ayishaan wayita kanatti haasawaa taasisaniin,Injifannoon Adwaa mallattoo bilisummaa Afrikaa qofa osoo hin taane tumsa Ardileef ka’umsa ta’uu dubbatan.

Afrikaanonni miira ni danda’amaa Adwaarratti mul’ate qabachuun qajeeltoo fayyadamummaa waloorratti hundaa’een nageenyaafi tumsa loltummaa Ardiichaa caalmaatti cimsuu qabu jedhan.

Biyyoonni Afrikaa haala siyaasaa fi nageenyaa Addunyaa yeroo amma jijjiiramaa fi walxaxaa ta’ee ilaalcha keessa galchuun tumsa gamlamee fi naannawaa cimsuun yeroo kamuu caala waloon dhabbachuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanoonni garaagarummaa tokko malee waloon dhaabbachuu eeruun, tokkummaan kun har’as nageenyaafi tasgabbii Afrikaaf wabii ta’uu ibsuu isaanii ‘ENA’ gabaaseera.

Konfiraansicharratti Ministiroonni Raayyaa Biyyoota Afrikaa garaagaraa, qondaaltoonni Olaanoo Waraanaa, Attaasheewwan loltummaa fi qorattoonni argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.