Intarpiraayizii dargaggoota hedduuf carraa hojii uumaa jiru…
Finfinnee, Bitootessa 29, 2018 (FMC) – Intarpiraayiziin Qonnaa dargaggoota hedduuf carraa hojii uumaa jira.
Magaalaa Bishooftuutti daragaggoonni hojii dhabeeyyiin 214 intarpiraayizii misooma jallisiin bara 2017 gurmaa’an ofiisaaniirra darbanii dargaggoota hedduuf carraa hojii uumaa jiraachuun ibsameera.
Dura Taa’aan Intarpiraayizii kanaa dargaggoo Abbaay Taaddasaa diriisa shiboo elektirikii gamoon dippiloomaan eebbifamee waggoota jahaaf hojii malee taa’uu yaadachiisuun dargaggoonni hojii dhabeeyyiin qacarrii hojii eeguurra gurmaa’anii hojii misooma qonnaa irratti yoo bobba’anii galii fooyya’aa akka argatan dhaama.
Hojii kana eegaluun dura maatii isaa haalaan bulchuun itti ulfaachaa akka turee fi yeroo ammaa garuu jireenyi isaa fooyya’aa jiraachuu dubbateera.
Yeroo itti aanutti hojii kana cimsanii itti fufuun dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuuf hojjechaa jiraachuus kaaseera.
Daragaggoonni kunneen Fosooliyaa, Ataraafi Birookliin oomishaa kan jiran yoo ta’u waggaa darbe lafa heektaara 43 irratti Fosooliyaa kuntaala kuma 1 ol, Atara Kuntaala kuma 2 fi 395 fi Birookliin kuntaala 877 oomishuun bu’aa Birrii miiliyoona 4.9 argachuu danda’aniiru.
Oomishaaleen daragaggoonni kunneen oomishan gabaa biyya keessaafi alaaf dhiyaachuun qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuurra darbee sharafa alaa argamsiisuu keessattis qooda olaanaa bahachaa jiraachuun eerameera.
Miseensota intarpiraayizichaan ala namoota 500’f carraa hojii yeroo banuus ibsameera.
Mootummaan intarpiraayizii kanaaf lafa heektaara 78 kennuun, bishaan jallisii baasuun, walitti hidhamiinsa gabaa uumuun, akkasumas leenjii ijaarsa dandeettii kennuun deeggaruu ragaan Ministeera Qonnaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia