Fana: At a Speed of Life!

Iraan agarsiisa miisaa’elaafi diroonii qopheessite

Finfinnee, Sadaasa 5, 2018 (FMC)- Eegduun Warraaqsaa Iraan magaalaa Teehiraanitti agarsiisa miisaa’ela baalaastikiifi diroonii qopheesse.

Meeshaaleen waraanaa biyyattiin agarsiisaaf dhiyeessite dandeettii Raayyaa Ittisaa ishee fi meeshaalee waraanaa hidhatte kan agarsiisan ta’uu ‘Euronews’ gabaaseera.

Agarsiisa kanarratti dirooniiwwan haaraa dabalatee miisaa’eloonni baalaastikii fageenya dheeraa furguggifaman dhiyaachuun daawwatamaa jiru.

Lammiileen biyyattii agarsiisa kana daawwatan amantaan dandeettii Raayyaa Ittisaa biyya isaaniirraa qaban dabaluu ibsaniiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.