Iraan Dooniiwwan Iraaq ulaa Hoormuuziin akka darban eeyyamte
Finfinnee, Bitootessa 27, 2018 (FMC) – Iraan qoqqoobbii ulaa Hoormuuzirra keesse kaasuun Dooniiwwan Iraaq rakkoo tokko malee bilisummaa akka darban eeyyamteerti.
To’annoo fi qoqqoobbii cimaan kan taasifamu Dooniiwwan biyyoota diinaarratti qofa jedhe ajajaan waraanaa biyyattii.
Kunis Iraan xiyyeeffannoo addaa dippiloomaasii fi diinagdee biyyoota ollaaf kennuu ishee argarsiiftuudha jedhame.
Iraan kana duras Dooniwwan Afrikaa Kibbaa, Faransaayii fi Paakiistaan ulicha keessa akka darban eeyyamuun kan yaadatamuudha.
Fedhii boba’aa addunyaa % 20 kan keessummeessu Ulaan Galaanaa Hoormuuz, amma ajaja waraana Iraan jala galuun isaa, dhimma siyaasaa fi dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa guddaa qaba.
Tarkaanfiin ammaa kun Iraan hariiroo biyyoota naannawaa waliin qabdu caalmaatti kan cimsu ta’uu Al Jaziiraan gabaaseera.
Murteen kun Teehiraan sarara daldala addunyaa irratti dhiibbaa ishee jabeessaa dhufuu agarsiisa jedhame.
#Oromia #Ethiopia