Fana: At a Speed of Life!

Iraan doorsisa kamiifiyyuu hin jilbeeffattu – Paarlaamaa biyyattii

Finfinnee, Ebla 5, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi buufataaleen Iraan har’aa eegalanii kan cufaman ta’uu ifoomsaniiru.

Mariin nageenyaa fuulaa fuulaa Iraanii fi Ameerikaa gidduutti eegalame waliigaltee malee xumurameera.

Kana hordofee Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi tarkaanfiiwwan hundagaleessa Iraanirratti fudhataman cimanii kan itti fufan ta’uu beeksisaniiru.

Har’aa eegalee sosochii dooniwwanii Ulaa Hormuuz irratti taasifamu kan ugguran ta’uu ibsuun, kanaafis waraanni Ameerikaa qophii ta’uu himan.

Akeekkachiisa pireezidaantichaa hordofee gatiin boba’aa gabaa idil addunyaarra daran dabaluu BBC’n gabaaseera.

Af Yaa’iin Paarlaamaa Iraan Mohaammad Baagaar Gaaliibiif gama isaaniin, Teehiraan sodaachisoo fi Doorsisaa Ameerikaan yeroo yeroon dabarsitu kamiiyyuu hin sodaattu jedhan.

Humni Eegaa Warraaqsa Iraan dooniwwan waraanaa Ulaa Hormuuzitti hiiqan kamiiyyuu haleeluuf qophummaa qabaachuu eeran.

Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchiin gama isaaniin Ameerikaafi Iraan Paakistaanitti waliigalteerra gahuuf dhihaatanii turuu eeruun, haa ta’uutii Ameerikaan dhimmoota irratti waliigalamu jijjiiruu hordofee hin milkoofne jedhan.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.