Fana: At a Speed of Life!

Iraan Yeroof Dhukaasa Dhaabuu Amerikaan dhiyeessite kuffiste

Finfinnee, Bitootessa 29, 2018 (FMC) – Iraan yaada yeroof dhukaasa dhaabuu jaarsummaa Paakistaaniin Amerikaa irraa dhiyaateef kufaa gootee jirti.

Iraan walitti bu’iinsa Amerikaa fi Israa’el waliin qabdu dhaabsiisuuf yaada dhukaasa dhaabuu kaleessa dhiyaate kana kuffisuun, waraanni sun bifa fageenya qabuu fi dhaabbataa ta’een akka dhaabbatuuf ulaagaalee 10 dursanii guutamuu qaban dhiyeessiteetti.

Ulaagaalee Iraan dhiyeessite keessaa muraasni:
* Waraanni naannichaa akka dhaabbatu,
* Qoqqobbiin maallaqaa addunyaa irra kaa’amee ture akka irraa ka’u,
* Israa’el haleellaa Hizboollaa irratti raawwattu akka dhaabdu, fi
* Ula Hormuz keessatti sochiin nageenyaa mirkanaa’aan akka jiraatu kanneen jedhan keessatti argamu.

Pirezidaantiin Amerikaa Doonaald Tiraampi, Iraan sarara doonii furtuu ta’e kana akka deebistee bantuuf akeekkachiisuun isaanii kan yaadatamu yoo ta’u, kana gochuu yoo baatte bu’uuraalee humna ibsaa ishee irratti haleellaa qilleensaa haaraa akka raawwatan ibsanii turan.

Doonaaldi Tiraampi kanaan dura yaada dhukaasa dhaabuu dhiyaate “tarkaanfii baay’ee murteessaa dha” erga jedhanii booda, walitti bu’iinsa kana dhaabsiisuuf garuu “ga’aa miti” jedhaniiru.

Waltajjiin Paakistaanitti geggeffame kun, guyyoota 20 keessatti marii araaraa hordofuun yeroma sana dhukaasni akka dhaabbatu yaada dhiyeesse.

Garuu, Iraan waraana kana bifa dhaabbataa ta’een dhaabuu qofatu fudhatama qaba jechuun yaada dhiyaate kuffisteetti.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.