Iraaniifi Ameerikaan torban lamaaf dhukaasa dhaabuuf waliigalan
Finfinnee, Bitootessa 30,2018(FMC)- Pireezidanțiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhukaasa dhaabuu torbanoota lamaaf turu labsuu hordofee , Iraan Ulaa Hormuz banuuf walii galteetti.
Akka BBC’n gabaasetti, Iraan Ulaa Hormuz keessa qindoomina humnoota waraanaa isheetiin sochiin amansiisaa ta’e akka jiraatu ibsiteetti.
Pireezidanțiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Teehraan gaaffii ani dhiyeesse yoo fudhachuu baatte “har’a galgala qaroominni ishee guutuun ni bada” jechuun doorsisa kan turan ta’us, haleellaa boombii Iraan irratti raawwachuuf turan torbanoota lamaaf dhabuuf walii galaniiru.
#Oromia #Ethiopia