Iraaqitti dooniiwwan boba’a fe’an lama irratti haleellaan raawwatame
Finfinnee, Bitootessa 3, 2018 (FMC)- Iraaqitti boombii dooniirratti kiyyeeffameen dooniiwwan boba’a fe’an lama irratti haleellaan raawwatamuu kaampaaniiwwan buufataa beeksisaniiru.
Dhiyeenya magaalaa Baasiraatti halkan haleellaa raawwatameen dooniwwan kanniinitti ibiddi kan qabate yoo ta’u, lubbuun nama tokkoo darbuu kaampaaniin buufataalee Iraaqi bulchu ibseera.
Balaa kana hordofee lubbuu namoota dooniiwwan kanneen irra turanii 25 baraaruun akka danda’amee fi warreen kaaniis baraaruuf barbaachi itti fufuu hogganaa Kaampaanichaa eeree Rooyitarsi gabaaseera.
Dooniiwwan balaan kun irratti raawwatame kan Iraan akka ta’an kan amanamu yoo ta’u, qorannoon dabalataa geggeeffamaa jira.
Balaa kana hordofee dooniiwwan Iraaq boba’a fe’an guutummaatti hojii dhaabuutu gabaafame.
Balaa kana dabalatee walitti bu’iinsi bal’aan naannawichatti erga mudatee asi dooniiwwan 16 irra midhaan ga’uu gabaasichi eereera.
Haayilamaariyaam Taganyiin
#Oromia #Ethiopia